Waltajjiin marii Kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2018 irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 8, 2018 (FMC)- Waltajjiin marii Kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2018 irratti xiyyeeffate magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti barreeffamni qorannoo dhiyaachuun irratti mari’atamaa jira.

Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiiruu haasawa taasisaniin, Ayyaanni Irreechaa calaqqee aadaa uummata Oromoo ta’uu kaasuun, kaayyoon marii kanaas ayyannichi karaa aadaa, safuu fi duudhaa isaa eeggateen akka kabajamu taasisuuf ta’uu dubbataniiru.

Ayyaannichi milkaa’inaan akka kabajamuuf gaheen qaamolee hundaa barbaachisaa ta’uu eeruun, bara kanas sona barbaachiisu itti dabaluun akka kabajamuuf tattaafiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Waltajjii kana irratti Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi Manguddoonni biyyaa argamaniiru.

Feenaan Nuguseetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment