Finfinnee, Amajjii2, 2018 (FMC)- Waltajjiin marii hordoffii sirna fayyaarratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira
Waltajjichi hordoffii sirna fayyaarratti hojiilee hojjetamaa jiran gamaaggamuufi kallattii fuulduraa ka’uuf kan kayyeeffate ta’uun ibsameera.
Waltajjicharratti Ministir Deetaawwan Ministeera Fayyaa, hHoggantoota biiroolee fayyaa naannoolee garaagaraa dabalatee hirmaattoonni kuma 1 fi 200 ol argamaniiru.
Ministeerri Fayyaa hordoffii fayyaa fi raawwii isaan imaammata garaagaraa qopheessuun fayyaa hawaasaa fooyyeessuuf hojiilee damee hedduu hojjechaa jiraachuun eerameera.
Galteewwan wal’ansaa kara haqa qabuun walin gahuuf, qulqullina mirkaneessuun akkasumas eegumsa naannoo fi dandeettii ogeeyyii fayyaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Fireehiwoot Abbabaa akka jedhanitti, dhibeewwan ittisuufi wal’anaanii fayyisuuratti xiyyeeffannoon kennamuu eeruun, damichaan bu’a qabeessa ta’uuf sirni hordoffii cimaan barbaachiisaadha jedhan.
Biyyatiitti Sirni hordoffi fayyaa cimaan akka jiraatuuf dhaabbileen humna namaan, hojmaataan, teeknooloojii fi galteewwaniin dandeettii qaban guddisuun dhaabbiileen waamamtootaa qindoominaan hojjechuu qabu jedhan.
Keessattuu nageenya dhiyeessii qorichaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasuun, dhiyeessii qorichaa sirna diijitaalaan walitti hidhuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Hayilamaariyaam Taganyitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.