Waltajjiin muuxannoo wal jijjiirraa komishiiniin Waldaalee Hojii Gamtaa Itiyoophiyaa qopheesse xumurame

Finfinnee, Mudde 1, 2018 (FMC)- Waltajjiin muuxannoo wal jijjiirraa komishiiniin Waldaalee Hojii Gamtaa Itiyoophiyaa qopheesse xumurameera.

Waltajjichi waldaaleen hojii gamtaa biyyatti diinagdee diijitaalawaan of gahoomsuun sirna gabaa addunyaa keessatti akka hirmaatan kan gargaaruudha.

Waltajjii magaalaa Jimmaatti geggeeffame irratti kan argaman itti aanaan komishinaraa komishiinii Waldaalee Hojii Gamtaa Itiyoophiyaa Abdii Muummad, sagantichi ce’umsa beekumsaa fi teeknoolojii uumuun waldaalee hojii gamtaa dorgomaa taasisuuf gargaara jedhan.

Kana males, caaseffama waldaalee hojii gamtaa ammayyeessuun fayyadamummaa miseensootaafi hawaasaa kan mirkaneessuu ta’uu himaniiru.

Waltajjiin muuxannoo wal jijjiirraa kun magaalaa Jimmaa, Adaamaa, Baahirdaari fi Hawaasaatti kan geggeeffame yoo ta’uu, namoonni kuma 3fi 200 ol hirmaachuun ibsameera.

Abeenezar Taayyeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment