Waltajjiin Sagantaa eegalchiisa boqonnaa 2ffaa Koomeershaalaayizeeshinii qonnaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 9, 2018 (FMC) – Inistiityuutii Tiraanisfoormeeshinii Itiyoophiyaan naannolee 9 keessatti hojiirra kan oolu waltajjiin sagantaa eegalchiisa boqonnaa 2ffaa Koomeershaalaayizeeshinii qonnaa gaggeeffamaa jira.

Boqonnaan jalqabaa Bara Faranjootaa 2019 kaasee hojiirra oolaa ture bu’aa jajjabeessaa galmeessuu Inistiityuutichi ibsa baaseen himeera.

Boqonnaa 2ffaan ammoo jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu, cancala duudhaalee hammataa fi Tiraanisfoormeeshinii baadiyyaa guddisuurratti xiyyeeffachuun hojiirra oola jedhe.

Boqonnaa kanaan qonnaan bultoonni miiliyoonni 6.5 fayyadamoo kan ta’an ta’uu ibse.

Sagantichi carraalee diinagdee hawaasa baadiyyaaf uumuun oomishtummaa qonnaa guddisuurratti kan xiyyeeffateedha jedhame.

Keessattuu Koomeershaalaayizeeshinii qonnaa boqonnaa 2ffaa kanaan oomishaalee gabaaf oolan Kilaasteraan misoomsuun qabeenya diinagdee Itiyoophiyaa guddisuuf bal’inaan kan hojjetamu ta’uutu eerame.

Ministira Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaa fi naannolee, Ambaasaaddaroonni, akkasumas qooda fudhattoonni bakka argamanitti agarsiifni raawwii boqonnaa jalqabaa dhiyaateera.

Masaafinti Birleetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment