Finfinnee, Caamsaa 12, 2017(FMC) – Yaa’ii Biraazil-Afrikaa cinaatti waltajjii waljijjiirraa muuxannoo sirna nyaataa cimsu gaggeessuu Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.
Jilli obbi Tamsgeen Xurunaan durfamu Yaa’ii Wabii Nyaataa, Ittisa Beelaafi Misooma Baadiyyaa Biraazil-Afrikaa 2ffaa irratti hirmaachaa jira.
Waltajjichi guddina oomisha qonnaa, misooma baadiyyaafi wabii nyaataa irratti kan xiyyeeffate ta’uu obbo Tamsgeen eeraniiru.
Ijaarsi dhaabbilee hojimaatilee haaraafi teeknooloojiin deeggaraman damichaan jijjiirama fiduu kan dandeessisan ta’uu hubachiisaniiru.
Yaa’ichaan hojii Itiyoophiyaan damee qonnaa guddisuuf hojjechaa jirtuufi muuxannoon biyyoota biroo kan itti dhiyaatu ta’uu himaniiru.
Yaa’ichaan cinaatti daawwannaan hojii, waljijjiiraan muuxannoofi waliigalteewwan ce’umsa beekumsaafi tumsa Kibba-Kibbaan sirna nyaataa cimsuu dandeessisan kan raawwataman ta’uus eeraniiru.
Pireezidaantiin Biraazil Luulaa Daa Siilvaan gamasaaniin, kaayyoon yaa’ichaa sirna nyaataa cimaafi waaraa ijaaruuf biyyoota Afrikaa waliin muuxannoo waljijjiiruuf ta’uu ibsaniiru.
Biraazil muuxannoowwan biyyoota Afrikaarraa qooddattu jiraachuu kaasanii, muuxannoowwan kunneen sirna nyaataa cimaa uumuuf kan gargaaran ta’uus eeraniiru.
Fireehiywoot Saffiiwutu gabaase.