Finfinnee, Fulbaana 11, 2018 (FMC)- Barataa Gosaa Nageessoo Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 Saayinsii uumamaan qabxii 589 galmeessuun sadarkaa 2ffaa kan argateedha.
Gosaa Nageessoo Galatoo Maatii isaaf ilma hangafaati, Aanaa Shaashamanneetti dhalate.
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Saayinsii uumamaa qabxii 589 /600 galmeessuun sadarkaa 2ffaa argate.
Barataa Gosaa Nageessoo turtii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin waliin taasiseen, cimnee akka barannu ifnee akka mul’annu barsiistonni Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa sadarkaa 2ffaa Dodolaa gumaacha olaanaa gochuu dubbata.
Dorgommiin akka biyyaati kan jedhu Barataa Gosaan, hawaasni fi mootummaan bu’aa dhamaatii isaanii nurraa eegu jechuun ibseera.
qabxii 589/600 galmeessuu kiyyatti baay’een gammadeera kan jedhu barataa Gosaa Nageessoo abjuu koo dhugoomsuf caalatti cimeen baradha jedha.
Hawwiin koo Sooftiweer Injinariingiin Pilaatfoormii miidiyaa hawaasaa kan barattoota qofa fayyadu, barsiistonni biyyoota guddatanis irratti hirmaachuun barattoota gargaaran hundeessuun barbaada jechuun dubbateera.
Barattoonni hin danda’amu jechuun yaaduu utuu baatanii wanti hin danda’mne hin jiru jedha.
Olyaad Ahmadiin