Waraana keessa teessee bara haaraa peerahiyaanotaa kabajaa kan jirtu Iraan

Finfinnee, Bitootessa 11, 2018 (FMC) – Iraan bara 1980 booda yeroo jalqabaaf ayyaana waggaa haaraa Peershiyaanotaa “Nooruuz” jedhamuun beekamu waraana keessa teessee kabajachaa jirti.

Warraanni Baha Giddu-galeessa Ameerikaa fi Israa’el Iiraan irratti banan har’a guyyaa 21ffaa kan qabate yoo ta’u, Israa’el Teehraan irratti weerara qilleensaa, Iraanis gama isheetiin misaailota hedduu gara Yerusaalemitti furgugguusuun itti fufaniiru.

Iraan ayyaana waggaa 3,000 ol kabajamaa ture fi eenyummaa, seenaa akkasumas aadaa Iraanotaa kan ibsu ta’us, barana sababa waraana Israa’el fi Ameerikaa waliin gaggeessaa jirtuun akka yeroo kaanii haala ho’aan kabajuu hin dandeenye.

Iraan hoggantoota ishee hedduu dhabdus, ammas waraanicha itti fufteetti.

Israa’elitti dabalataan misaailota fi dirooniiwwan ishee gara Imiraatota Araba Gamtoomanii, Kuweet, Saawud Arabiyaa fi Baahireenitti roobsaa jirti.

Ministeerri Ittisaa Emireetota Araba Gamtoomanii sa’aatii 24 darban keessatti misaailota baalistiikii 4 fi dirooniiwwan 26 Iraan irraa furgugguufaman qolachuu beeksisqniiru.

Sa’ud Arabiyaanis gama isheetiin dirooniiwwan 27 fashaleessuu kan ibsite yoo ta’u, Kuweet fi Baahireenis Iraan irraa weerarri akka irratti raawwatame beeksisaniiru.

Iraan gama isheetiin, “Yoo Biriteen buufata waraana ishee Ameerikaan akka itti fayyadamtu hayyamte, akka waan waraana kanatti makamteetti lakkoofna” jetteetti.

Minstirri Muummee Israa’el Benyaamiin Niitaniyaahuun, ajaja pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp irraa dhufeen buufatawwan boba’aa Iraan irratti weerara raawwannu yeroof dhaabneerra jedhaniiru.

Gama biraatiin, dubbi himaa fi itti aanaan qunnamtii uummataa Eegduu Warraaqsaa Iraan, Alii Mohaammad Naa’inii weerara Ameerikaa fi Israa’eliin har’a ajjeefamuu isaanii gabaasni Biibīsii addeesseera.

Alii Mohaammad Naa’iniin Eegduu Warraaqsaa Iraan waggoota 40f kan tajaajilan yoo ta’u, waggoota lamaan darban immoo dubbi himaa ta’anii tajaajilaa turan.

Waraanni Giddu-galeessa Bahaatti ka’e kun ayyaana waggaa haaraa dabalatee kabaja ayyaana Iid-al-Faxrii irrattis gaaddidduu gurraacha uumeera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment