Finfinnee, Mudde 22, 2018 (FMC) – Waraanni taatee addunyaarratti uumaman keessaa hamaa fi yaraa isa dhumaati jedhan Ambaasaaddar Jeneraal Baacaa Dabaleen.
Hammeenyummaa fi yarummaa waraanaa kan beeku kan kan miidhamee fi waraana keessatti kan hirmaate qofa jedhan Ambaasaaddar Jeneraal Baacaa Dabalaan turtii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin waliin taasisaniin.
Waraanni taatee suukaneessaa lubbuu namaa nyaatuu fi qabeenya barbadeessu ta’uu eeran.
Gootummaan kalaquu, of danda’uu fi hawaasa tajaajiluudha kan jedhan Ambaasaaddar Baacaan, qaamoleen yeroo ammaa kutaalee biyyattii tokko tokko keessa hidhannoon socho’aan waraana kaayyoo hin qabnee fi galma ga’uu hindadeenye gaggeessaa jiraachuu himan.
Qabsoon isaaniis ummataa daraaraa hamaaf kan saaxilee fi gufuu biyyaa kan ta’eedha jedhan.
Seenaa keessatti qabsaa’aan ummata qabsaa’uuf ajjeessu, dararuu fi saamu hin jiru jechuun ibsan.
Qabsoon kun ‘akka adurree ilmoo ofii nyaatuuti’ kan jedhan, amma wanti Itiyoophiyaa keessatti ta’aa jiru seenaa qabsoo addunyaa keessatti waan hin baramne ta’uu eeran.
Ambaasaaddar Jeneraal Baacaa Dabaleen waraana Itiyoo – Ertiraa fi duula nageenya kabachiisuu Kaaba Itiyoophiyaa dabalatee yeroo adda addaatti sadarkaa hoggansaan Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa keessatti tajaajilanaiiru.
Tibba darbe ammoo Kitaaba ogummaa farra riphee lolaa jedhu barreessaniiru.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.