Finfinnee, Bitootessa 3, 2018 (FMC)- Waraqaan Eenyummaa Biyyalessaa hojiitti galuun yakka ittisuu fi hojiilee tiraafikaa salphiseera jedhan Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel.
Waltajjiin marii Waraqaa Eenyummaa Biyyalessaa irratti xiyyeeffate bakka Komishinaroonni Poolisii Naannoolee, bulchiinsa Magaalootaa fi hoggantoonni biroon argamanitti gaggeeffamaa jira.
Komishinarri Jeneraalaa Dammallash Gabramikaa’eel wayita kana haasawa taasisanin, qaamooleen hawaasaa hundi fayyadamoo Waraqaa Eenyummaa Biyyalesssaa akka ta’aniif gahee isaanii bahachuu qabu jedhan.
Waraqaan Eenyummaa biyyaalessaa kun hojii poolisii salphisuu fi ammayyeesssuu keessatti gahee olaanaa qabachuu ibsuun, yakkamtoota salphaatti adda baasuuf kan gagaaru ta’uus eeraniiru.
Appilikeeshiniin eeruu Poolisii kennuufi Tajaajilli nama maleessaa Poolisii Waraqaa Eenyummaa Biyyaleessaa waliin kan walitti hidhame ta’uu kaasaniiru.
Hoji Gaggeessaa Olaanaan Saganataa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa Yoodaahee Ar’ayaa Sillaaseen gamasaaniin, kutaaleen hawaasaa hundi ‘Faayidaa’ akka qabaatuuf gaheen miseensa Poolisii olaanaa ta’uu dubbataniiru.
Wayita ammaa torbanitti namoonni miiliyoonni 1 Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa fudhachuuf galmaa’aa jiraachuu eeruun, hanga ammatti lammiileen miiliyoonni 38 Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa fudhachuu ibsaniiru.
Mara’ool Kadirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.