Waraqaan eenyummaa diijitaalaa ‘Faayidaa’n wal qixxummaa koorniyaa mirkaneessa- Dooktar Ergoogee Tasfaayee

Finfinnee, Amajjii 6, 2018 (FMC) – Waraqaan eenyummaa diijitaalaa ‘Faayidaa’n wal qixxummaa koorniyaa mirkaneessa jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen.

Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa mata duree “Waraqaa eenyummaa diijitaalaa ‘Faayidaa’ dubartootaafi daa’imman hundaaf” jedhuun waltajjii sosochii waraqaa eenyummaa diijitaalaa magaalaa Bishooftuutti gaggeesseera.

Waltajjicharratti Ministira Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeefi Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa aadde Maabraat Baacaa dabalatee hoggantoonni biroon argamaniiru.

Dooktar Ergoogee Tasfaayeen wayita kana waraqaan eenyummaa diijitaalaa Faayidaan mirga beekamtii kan kennu ta’uu himaniiru.
Beekamuun keenya tajaajiloota argachuu fi dirqama keenya bahachuuf kan nu gargaaruudha jedhanii, wal qixxummaa koorniyaa kan mirkaneessuu ta’uus eeran.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa aadde Maabraat Baacaa gama isaaniin, badhaadhina hunda galeessa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf waraqaan eenyummaa diijitaalaa Faayidaan murteessaa ta’uu kaasan.

Kaayyoon waltajjichaas sosochii waraqaa eenyummaa diijitaalaa Faayidaa uumuun, dubartoonni tarsiimoo diijitaalaa 2030 keessatti akka hirmaatanii fi haammataman taasisuudha jedhan.

Sosochii kanaanis akka naannoo Oromiyaatti bara kana dubartoonni miiliyoonni 10 olii fi daa’imman miiliyoonni 3 ol waraqaa eenyummaa diijitaalaa Faayidaa akka baafatan taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu eeran.

Daayreektarri olaanaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa Yoodaahee Ar’aayasillaaseen ammoo waraqaan eenyummaa diijitaalaa Faayidaan ijaarsa diinagdee diijitaalaaf bu’uura ta’uu ibsan.

Dhaabbileen 100 ol tajaajila isaanii ‘waraqaa eenyummaa diijitaalaa Faayidaa waliin walitti hidhuun tajaajila kennaa jiraachuu himuun, gama tajaajila faayinaansii haammataa fi tajaajila dhaabbilee mootummaatiin fayyadamummaa dubartootaa kan mirkaneessudha jedhan.

Mirga diimookraasii dubartootaas kan mirkaneessu ta’uu eeraniiru.

Baayisaa Tolasaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment