Finfinnee, Hagayya 22, 2017(FMC)- Warshaa waggaatti xaa’oo hanga meetirik toonii miiliyoona sadii oomishu qulqullinaafi ariitiin ijaaruuf kutannoon ni hojjetama jedhan Hundeessaafi Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daangootee Giruuppi Aliikoo Daangooteen.
Bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti guyyaa har’aa Itiyoophiyaa Invastimanti Hooldingisi fi Daangootee Giruuppi gidduutti waliigalteen qoodaa Kompileeksii oomisha xaa’oo mallatteeffameera.
Waliigalticha ilaalchisee Aliikoo Daangooteen akka jedhanitti, ijaarsi warshaa kun xaa’oo alaa galchaa kan turte Itiyoophiyaaf jijjiirama guddaaf bu’uura kan kaa’udha.
Itiyoophiyaan dameewwan hedduun bakka gahumsa invastimantii gaarii ta’uu eeranii, biyyattiitti dhiyeessiin galtee gahaan jiraachuu ibsaniiru.
Warshaan kunis biyyattii biyyoota xaa’oo oomishuun sadarkaa duraarra jiran keessaa tokko akka ishee taasisu kaasuun, qulqullinaan yeroo qabameefitti ijaaruuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu mirkaneessaniiru.
Warshaan xaa’oo kun bu’aa Itiyoophiyaan damee qonnaan galmeessaa jirtu daran kan cimsu ta’uus himaniiru.
Hojii Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad damichaan hojjechaa jiran kan dinqisiifatamu ta’uus hubachiisaniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.