Warshaaleen simmintoo haaraan hojiitti galuun damee ijaarsaaf haala mijataa uumeera-Pireezidaanti Taayyee

Finfinnee, Caamsaa 12, 2017(FMC) – Warshaaleen simmintoo haaraan gara hojiitti galuun damee ijaarsaaf haala mijataa uumuu Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen ibsan.

Pireezidaanti Taayyeen magaalaa Dirree Dhawaatti Pirojektii babal’ina Warshaa Simmintoo Paayooniir Waldaa Dhuunfaa Itti gaafatamummaan isaa murtaa’e eebbisiisaniiru.

Warshichi tumsa abbootii qabeenyaa Chaayinaafi Itiyoophiyaan kan ijaarame ta’uufi guddina indaastirii ijaarsaaf faayidaa damee hedduu qabaachuu Pireezidaanti Taayyeen ibsaniiru.

Warshaaleen simmintoo haaraan gara hojiittu galuun abbootii qabeenyaa dameeijaarsaa irratti bobba’aniif carraa gaarii uumaa jiraachuus kaasaniiru.

Damichaan invastimantii babal’isuun imala misoomaa biyyi eegalte saffisiisuurra darbee bu’aa qabeessa ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment