Finfinnee, Fulbaana 6, 2018 (FMC) – Warshaan Qulqulleessa boba’aa Abbaa Qabeenyaa Afrikaa Lammii Naayijeeriyaa Aliikoo Daangotee baatiwwan sadi keessatti boba’aa Liitira biiliyoona 1.1 gabaaf dhiyeesse.
Warshichi guyyaa hojii itti eegale waggaa 1ffaa kabajaa jira.
Warshichi baatiwwan sadan darban keessa boba’aa Liitira biiliyoona 1.1 gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyeessuu abbaan qabeenyichaa Aliikoo Daangooteen sagantaa kabaja ayyaana waggaa kanarratti haasawa taasisaniin ibsaniiru.
Warshaan Qulqulleessa boba’aa Aliikoo Daangootee kun hanqina dhiyeessii boba’aa ardii Afrikaa furuuf hojjetaa jiraachuu kaasuu BBCn gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia