Warshichi waggaatti shukkaara kuntaala miliyoona 2.7 ol oomishuuf karoorfatee hojjechaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2017(FMC) – WarshaanShukkaaraa Fincaa’aa waggaatti Shukkaara kuntaala miliyoona 2.7 ol oomishuuf karoorfadheen hojjechaa jira jedhe.

Warshichi oomisha shukkaaraa biyya alaarraa galu hambisuuf dandeettii oomishuu isaa ol guddisuuf karooraan hojjechaa jira.

Kana milkeessuufis lafa heektaara Kuma 19 ol irratti oomisha agadaa oomishaa kan jiru yoo ta’u, oomisha agadaa isaa lafa heektaara kuma 21tti ol guddisuuf karoorfatee hojjeechaa jira.

Warshichi bara kana oomisha shukkaaraa Kuntalaa kuma 300 fi kumaa 83 oli fi itaanolii liitira Miliyoona 4 fi kuma 500 ol oomishuun gabaaf dhiyeesseera.

Kana irraas qarshii biiliyoona 7.5 ol argachuu isaa Hoji-geggeessaa Olaanaan warshichaa Mangistuu Haayila-Maariyaam FMC’tti himanirru.

Mootummaan Warshaaleen shukkaaraa biyyattii keessa jiran of danda’aanii akka ofi bulchan erga murteessee as jijjiirama guddaa keessa jiraachuus himaniiru.

Warshichi rakkoo nageenyaa naannoo sanatti mudatee tureen miidhaa irra qaqabee fi dhibbaa irra ga’aa ture dandamachuun akka biyyaatti warshaa omishaa shukkaaraa olaanaa oomishaa jiras jedhan.

Akka Obbo Mangistuun ibsanitti, Warshaan Shukkaaraa Finca’aa hojii oomisha shukkaaraa fi Itaanolii cinatti Innisheetiivii misooma qonnaa fi maaddii guutuu irratti bobba’uun galii dhaabbatichaa guddisuu fi qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuu keessatti hojii fakkeenyummaa guddaa qabu hojjechaa jira.

Warshichi insheetiviiwwaan 18 hojiirra oolchuun omishaa kuduraa fi muduraa, muuzii, Paappayyaa, avokaadoo , horsiisa loonii fi lukkuu fi kanneen biroo irratti boobba’ees hojjechaa akka jirus dubbatan.

karoora tarsiimawaa waggaa 5n qabatee jiruun bara 2021 sukkaara Kuntaala miliyoona 2.7 fi Itaalonii liitira miliyoona 20 ol oomishuuf karoorfatee hojjechaa jira.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment