Wayita soomanaa dhiifamni, Gaarummaa fi walgagargaaruun cimuu qaba – Abbootii Amantaa

Finfinnee, Guraandhala 10, 2018 (FMC) – Wayita soomanaa Gaarummaa, dhiifama waliif gochuu fi walgagargaaruun cimuu qaba jedhan Abbootiin Amantaa.

Soomni guddaan (Ayyaana Du’aa Ka’uu Iyyesuus) Mana Kiristaanaa Ortodoksii Waloomaa fi Kaatoolikii Itiyoophiyaa kaleessa eegaleera.

Yeroon kun yeroo gochoota cubbuu ta’an hunda irraa yeroo murtaa’eef of dhorkuu fi of qusachuuti.

Mana Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaatti Itti Gaatamaan Kutaa Lallaba Wangeelaa fi Ergama Duuka Bu’ummaa Malaaka Salaam Lubni Daawiit Yaared Soomni guddaan Iyyesuus Kiristoos dhala namaaf fakkeenya ta’uuf kan soome ta’uu isaan hordoftoonni isaas barsiifata amantichaa eeguu qabu jedhan.

Kan qabu kan hin qabneef qooduun gaarummaa, jaalalaa fi kabajaa cimsuun murteessaa ta’uu hubachiisan.

Mana Amantaa Kaatoolikii Itiyoophiyaatti Barreessaa Itti Aanaan Waajjira Waliigalaa fi Itti Gaafatamaan Olaanaan Hojii Duuka Bu’ummaa Abbaa Abrahaam Gabramaariyaam gama isaaniin, Soomni guddaan Ayyaana hiikaa Iyyesuus Kiristoos dhala namaaf wareegama kaffale yaadachuuf Soomanaan, kadhannaa fi hojii gaarii hojjechuun kan itti of sakattaanuudha.

Iyyesuus Kiristoos kanneen isa fannisan hundaaf dhiifama akka taasise, nutis obboloota keenyaaf dhiifama gochuu fi tumsuutu nurraa eegama jedhan.

Wayita soomanaa kana ala keenya osoo hin taane jijjiirama keessa keenyata barbaachisa jedhan.

Yeroon kun yeroo dhiifamaa, gaarummaa fi walgargaaruu, akkasuma nageenya biyyaaf kadhachuun barbaachisu ta’uu yaadachiisan abbootiin amantaa kunneen.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment