Finfinnee, Waxabajjii 3, 2017(FMC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idlee 35ffaa har’a taa’een ibsa wixinee baajataa bara baajataa 2018 Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shideen dhiyeessan dhaggeeffateera.
Wixineen baajataa bara baajataa 2018 fooyya’iinsa diinagdee hojiirra oolaa jiruufi imaammata fiisikaalaa ilaalcha keessa galchuun qophaa’uu ibsaniiru.
Dabalataanis wixineen baajataa kun qaama karoora misoomaa waggoota 10 kan ta’e galmootaafi kallattiiwwan karooraa fi sagantaalee misoomaafi invastimantii bara 2016-2018 haala raawwachiisuun danda’amuufi hanga qabeenyaa jiraachuu danda’u ilaalcha keessa galchuun qophaa’uus eeraniiru.
Hojiilee misoomaa eegalaman itti fufsiisuu, liqaan mootummaa rakkoorraa bilisa akka ta’uuf liqeessitoota waliin idaa siqsiisuu, dhiibbaa fooyya’iinsi diinagdee gooroo geessisu hir’isuuf deeggarsa baasii hawaasummaa itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu hubachiisaniiru.
Wixineen baajatichaa kan bara 2017 waliin yoo madaalamu %34.4 caalmaa qabaachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Baasiin isaa % 80 ol kan uwwifamu galii biyya keessaan yoo ta’u, maddeen taaksii haaraa gara sirna galiitti galchuuniifi kanneen buleeyyii cimsuun galii guddisuuf ni hojjetamas jedhan.
Bifuma Kanaan bara 2018’tti galii Birii tiriiliyoona 1.5 walitti qabuuf karoorfamuufi manneen hojii baajata ramadame kaayyoo qabameef akka oolchan hubachiisaniiru.
Wixineen baajataa bara 2018 Birrii tiriiliyoonni 1.93 mana marichaaf dhiyaachuun qorannoo dabalataaf Koree Dhaabbii Dhimmoota Pilaanii, Baajataafi Faayinaansiif qajeelfameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.