Wixineen labsii bobbii hojii biyya alaa mirga, nageenyaafi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu dandeessisa- Ministeericha

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2017 (FMC)- Ministeerri Hojiifi Ogummaa wixineen labsii bobbii hojii biyya alaa mirga, nageenyaafi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu dandeessisa jedhe. Ministeerichi odeeffannoowwan tibbana labisicha ilaalchisee miidiyaalee irratti tamsa’an fudhatamummaa kan hin qabne ta’uu beeksiseera.

Labsiin kun Ministeera Hojiifi Ogummaan qophaa’ee Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyaachuun manni marichaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Humna Namaa, Bobbii Hojiifi Teeknooloojiif qajeelchuun kan yaadatamudha.

Wixinichi mirga, nageenyaafi faayidaa lammiilee Itiyoophiyaa biyyoota alaa hojjetanii eegsisuuf kan kaayyeffate ta’uu ministeerichi odeeffannoo Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif ergeen ibseera.

Bobbii hojii seera qabeessa jajjabeessuufi mirga, nageenyaafi fayyadamummaa lammiilee guddisuuf akkasumas faayidaa biyyi damicharraa argattu guddisuuf bobbii hojii alaa ammayyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eereera.

Galmiifi kaayyoon wixinee labsii kanaas mirga, nageenyaafi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu, gochoota seeraan alaa damichaa maqsuufi faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf ta’uun ibsameera.

Sirni kenniinsa eeyyamaa sadarkaa qabu akka jiraatuuf wixinee labsichaarratti fooyya’iinsa taasisuun dhimma tokko yoo ta’u, sadarkichi baay’ina humna namaa, ogummaa, damee ogummaa, kaappitaala ka’umsaa fi ulaagaalee biroo ejensiiwwan guutuu qaban irratti hundaa’uun kennama.

Wixineen labsii haaraan kun hanga maallaqaa ejensiiwwan lakkoofsa baankii cufaarratti akka kaa’aniif dirqaman Doolaara kuma 100 irraa gara Doolaara kuma 50 gadi buuseera.

Dabalataanis maallaqni ejensiiwwan wabiif qabsiisan maallaqni callaan baankii akka kaa’amu kan dirqamsiisu yoo ta’u, maallaqni kunis nageenya lammiilee kabachiisuuf kan oolu fi ejensiiwwan lammiilee erganiif itti gaafatamummaa akka fudhatan taasisa.

Wixineen labsii kun sirna hojimaataa bobbii hojii, ramaddii leenjii, madaallii gahumsaa fi tajaajiloota biroo tuttuqqaa namaarraa bilisa ta’e uuma.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment