Finfinnee, Waxabajjii 24, 2017 (FMC )- Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa wixinee labsii mirga abbummaa manneen jireenyaa lammiilee alaa raggaasise.
Mana Marichaatti Koree Dhaabbiin Dhimmoota Magaalaa, Bu’uuraalee Misoomaafi Geejjibaa labsicha ilaalchisee gaaffilee miseensota mana marichaarraa ka’aniif deebiifi ibsa kenneera.
Lafti kan uummataafi mootummaa waan ta’eef lammiileen invastimantiif dhufan mirga laficha gurguruufi jijjiiruu hin qaban jedhameera.
Lammiileen alaa karaa mirga Itiyoophiyaanotaatti hin buuneen abbaa manneen jireenyaa ta’uun invastimantiirratti akka bobba’aniif kan hojjetamu ta’uus korichi ibseera.
Lammiileen alaa gara Itiyoophiyaa dhufuun abbummaa manneen jireenyaa irratti akka bobba’aniif maallaqni Doolaarri Kumni 100fi kumni 50 kan kaa’ame yoo ta’u adeemsa keessa fooyya’aa kan deemu ta’uus eerameera.
Hangi maallaqaa kaa’ame kun gadi aanaa waan ta’eef lakkoofsi namootaa gara Itiyoophiyaa dhufuu danda’anii dabaluu akka danda’u miseensonni mana marichaa kaasaniiru.
Lammiileen alaa invastimantii kanarratti bobba’uuf gara Itiyoophiyaa dhufan abbaa warraa, haadha warraafi ijoollee qofa kan hammate waan ta’eef lakkoofsi uummataa baay’achuu akka hin dandeenye ibsameera.
Abbootiin qabeenyaa dhufan Finfinneen alatti hojjechuu yoo barbaadan bu’uura qajeelfama baheen naannoleen hojiirra kan oolchan ta’uus hubachiifameera.
Wandimmaaganyi Tsgaayeen.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.