Finfinnee, Ebla 28, 2017(FMC)- Biyyoonni Baha Afrikaa irratti kan hirmaatan Woorkishooppiin Ji’oo-Paarkis fi Ji’oo-Tuurizimii magaalaa Finfinneetti akka gaggeeffamu ibsame.
Woorkishooppichi mata duree “ Gahee Ji’oo-Paarkis fi Ji’oo-Tuurizimiin Misooma Waaraaf Qabu” jedhuun Caamsaa 4-5,2017 magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu Ministeerri Tuurizimii beeksiseera.
Ministirri Ministeera Tuurizimii Salaamaawiit Kaasaan, kaayyoon woorkishooppichaa hubannoo qaamolee qooda fudhattootaa guddisuuniifi dandeettii isaanii cimsuun Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota Baha Afrikaatti piroojektii Ji’oo- Paarkis eegalchiisuuf dadammaqina uumuuf ta’uu ibsaniiru.
Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Barnootaa, Saayinsiifi Aadaa( UNESCO)’n biyyoota 50 keessatti Ji’oo paarkis idil-addunyaa 229 galmeessuun eegumsa taasisaafii jiraachuu kaasanii, kanneen keessaa Afrikaa keessaa kan galmaa’an lama qofaa ta’uu dubbataniiru.
Woorkishooppii kanarratti qaamoleen qooda fudhattootaa Itiyoophiyaa, Jibuutii, Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Ruwaandaafi Ugaandaarraa walitti babba’an 100 ol kan hirmaatan ta’uu eeraniiru.
Hirmaattonni Ji’oo Paarkis akkamiin hundeessuufi bulchuu akka danda’an, walitti hidhamiinsa Ji’oo-Paarkis fi Ji’oo Tuurizimii irratti leenjii kan argatan ta’uun ibsameera.
Natsaannat Tsaggaayitu gabaase.