Finfinnee, Amajjii 19, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan ce’umsa dijitaalaa eegaltee fi guddina dinagdee kalaqa bu’uureffate dhugoomsuuf kan oolu deeggarsa liqii Birrii miliyoona 500 fi miliyoona 85 Mootummaa Xaaliyaaniirraa argatte.
Waliigaltee deeggarsichaas Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee fi Ministira Barnoota Olaanaa fi Qorannoo Xaaliyaan Aanaa Maariyaan mallateessaniiru.
Mootummaan Xaaliyaanii deeggarsi maallaqaa taasise tajaajla Dijitaalaa Itiyoophiyaa cimsuuf kan gargaaruudha jedhan Obbo Ahimad Shideen.
Waliigalteen deggersaa kun hariiroo seenaa fi dinagdee biyyoota lamaanii yeroo dheeraa kan calaqqisiisu ta’uu ibsaniiru.
Kana malees, gahee olaanaa Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaatti gama siyaasa quubsumaan qabdu mallattoo waloo ta’uu ibsaniiru.
Deeggarsi kun galmoota Dijitaal Itiyoophiyaa 2025 galmaan gahuu irra darbee, tumsa biyyoota lamaanii akka guddisu hubachiisaniiru.
Aanaa Maariyaan gama isaaniin Itiyoophiyaan michuu Xaaliyaanii waan taateef waliin akka hojjetan ibsaniiru.
Dameewwan Bulchiinsa bishaanii, teeknooloojii qonnaa, saayinsii fi innooveeshiniin mul’ata waloo, waliin irratti hojjetan ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia