Finfinnee, Caamsaa 16, 2017(FMC) – Karoorri xaa’oo kemiikaalaa biyya keessatti oomishuuf qabame Itiyoophiyaa rakkoolee hedduurraa akka baraaru fi oomishtummaa akka guddisu hayyoonni damee dingdee hubachiisan.
Karoorri xaa’oo biyya keessatti oomishuu mootummaan ifoomse dinagdee biyyattii irratti jijjiirama qabatamaa akka fidu hayyoonni dame kanaa Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti himaniiru.
Qorataan dinagdee Dooktar Abbulee Mahaarii akka jedhanitti, xaa’oo biyya keessatti oomishuun oomishaa fi oomishtummaa biyyaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf tarkaanfii murteessaa dha.
Xaa’oo biyya keessatti oomishuun yoo danda’ame qonni Itiyoophiyaa haala hanga ammaatti galmaa’ee hinbeekneen oomisha guddaa akka argamsiisuuf wabii ta’a kan jedhan ammo qorataa dame dinagdee Dooktar Araggaa Shuumatee ti.
Xaa’oo biyya keessatti oomishuun dhimma boriif buluu hinqabnee ta’uu fi akkuma Hidha Haaromsaa Guddichaa duulaa fi inniisheetiiviin qophaa’eefii hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.
Zuufaan Kaasaahuntu gabaase.