Xiyyaarri Ameerikaa boba’aa fe’u Iraaqitti kufee caccabe

Finfinnee, Bitootessa 4, 2018 (FMC) – Xiyyaarri Waraanaa Ameerikaa boba’aa fe’u Lixa Iraaqitti kufee caccabuun dhagahame.

Xiyyaarri Jeettiiwwan Waraanaaf qilleensarratti boba’aa guutu ‘KC – 135’ jedhamu kufee caccabuu Dippaartimantiin Waraanaa Ameerikaa mirkaneesseera.

Xiyyaarichi kan kufe haleellaa diinaan akka hin taane ibseera.

Balaan kun kan muudate Xiyyaaroota lamarratti yoo ta’u, kan boba’aa guutuu caccabuu fi tokko ammoo nagaan qubachuu ibseera.

Yeroo ammaa hojiin lubbuu baraaruu hojjetamaa jiraachuu hime.

Balaa kanaan miidhaan lubbuu namaarra gahe ilaalchisee wanti ibsame hin jiru.

Loltoonni Ameerikaa shan xiyyaaricha keessa jiran haala akkamiirra akka jiran wanti beekame hin jiru.

Xiyyaarri kun xiyyaaronni waraana Ameerikaa fageenya dheeraa imaluun akka haleellaa boombii fi kaan raawwataniif duukaa deemee boba’aa guutuun waraana keessatti gahee olaanaa kan qabuudha jedhame.

Miidhaan xiyyaara ‘KC-135’ jedhamu kanaa hangam akka ta’es hin beekamu, garuu walitti bu’iinsa qilleensarratti uumame ta’uu hin hafu jedhamaa jiraachuu BBC’n gabaaseera.

Miikiyaas Ayyalaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment