Finfinnee, Waxabajjii 3, 2017 (FMC) – Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin xiyyeeffannaan fuduraalee fi Kuduraaleef kenname guddina dinagdeef qooda olaanaa qaba jedhan qorattoonni damichaa.
Qorataan damee dinagdee Dooktar Abbulee Mahaarii akka dubbatanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa daldala ba’ii guddisuu fi qaala’iinsa gatii meeshaalee tasgabbeessuuf ga’ee olaanaa qabaata.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaan xiyyeeffannaan kuduraalee fi fuduraaleef kenname karaa ittifufiinsa qabuun hojjetamuu akka qabu kan dubbatan ammoo qorataa damichaa Dooktar Araggaa Shuumatee ti.
Biqiltoonni kuduraalee fi muduraalee waggaa waggaan dhaabaman galtee indaastirii guutuun alatti guddina qabeenya dinagdee biyyattiif ga’ee guddaa akka qaban qorattoonni kunniin ibsaniiru.
Zufaan Kaasaahuntu gabaase.