Xumuramuun Hidha Haaromsaa faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf wanti nu daangessu akka hin jirre agarsiiftuudha

Finfinnee, Qaammee 3, 2017 (FMC) – Xumuramuun Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf wanti nu daangessu akka hin jirre agarsiiftuudha jedhan Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaan.

Abbayyaa misoomaaf osoo hin oolchin hanga ammaatti turuun gaabbii bara dheeraa Itiyoophiyaanotaa ture jedhan.

Gaabbii kana jijjiiruuf lammiileen Itiyoophiyaa fi dhalattoonni Itiyoophiyaa tokkummaan qabeenyaa fi dandeettii ofiin Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa ijaaruu danda’uu himan.

Xumuramuun ijaarsa Piroojektichaa lammiileen Itiyoophiyaa yoo tumsaan hojjetan faayidaa biyyaalessaa kamiiyyuu kabachiisuu akka danda’an mirkaneessituudha jechuun eeran.

Mootummaan badhaadhina dhugoomsuuf piroojektoota misoomaa akka Hidha Haaromsaa hedduu hojjechaa jiraachuu kaasan.

Lammiileen biyyattii gara fuulduraattis hojiilee faayidaa biyyaalessaa mirkaneessanirratti hirmaannaa isaanii akka cimsan gaafatan.

Hidhichi Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane Afrikaaf illee fakeenyaa olaanaa ta’uu dubbatan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment