Yaadama Ida’amuun Itiyoophiyaa badhaate ijoollee keenyaaf haa dabarsinu – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 29, 2018(FMC) – Ija obbolummaan wal ilaallee yaadama Ida’amuun Itiyoophiyaa badhaate ijoollee keenyaaf haa dabarsinu jedhan Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad.

Biyya tokkoon tokkoon keenya waliif miidhagina fi kabaja itti taane Itiyoophiyaan, tokko gadi jedhee tokkommoo ol jedhee kan keessa jiraatu osoo hin taane, hunduu wal gixxummaan ija obbolummaan wal ilaalee yaadama ida’amuun biyya badhaate ijoollee keenyaaf dabarsuu qabna jedhan.

Guyyaa Saboota, Sab-lammootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa 20ffaa magaalaa Hoosaa’inaatti mata duree “Waliigaltee diimokiraatawaa, Tokkummaa Sab-daneessummaaf’’ jedhuun bakka Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa, Pirezidaantonni naannoolee fi kantiibonni magaalotaa argamanitti kabajameera. ‘

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita kana ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaanummaa fi Itiyoophiyaa halluu gamtummaan fakkeeffaman, afaan tokkummaan dubbataman, dhiiga tokkummaan hojjetaman, dafqa tokkummaan ijaaraman, ogummaa tokkummaan ceesifaman, kan turan, kan jiraatan, kan jabaatanii fi kan hinraafamnee dha jedhan.

Walabummaan dhiiga abbootiin dhaalame, badhaadhinaan jabeessuun hojii dhaloota Kana irraa eegamu tahuu hubachiisaniiru.

Har’a magaalonni keenya miidhaganii qe’eewwan baadiyyaa ce’uuf tattaafachaa, hambaaleen seenaa keenya owwaara urgufatanii kan Itiyoophiyaanoti qofti osoo hin taane, Afrikaanonni kan ittiin boonan ta’uu ifatti mul’isaa jiru jedhan.

Qabeenyi Albuudaa keenya argamaa qabeenyi tuurizimii dagaagaa, humni tekinolojitti fayyadamuu babal’achaa muuxannoon qabnu guddachaa,Itiyoophiyaan madaallii kamiinuu dukkana keessaa gara bariitti ce’aa jirti jedhan.

kan eegalame xumuruu fi kan hin eegalin jalqabuun Itiyoophiyaa cimsuuf waloon dhaabachuu akka barbaachisus dhaamaniiru.

Adimaasuu Arraagaawu
#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment