Yaadama ida’amuutiin hogganamuun yeroo gabaabaa keessatti hiyyummaa injifannee badhaadhina hunda galeessa milkeessuu dandeenya- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 11, 2018 (FMC) – Yaadama ida’amuutiin hogganamuun inisheetiivota jiran qixaan hojiitti hiikuun yoo itti gargaaramne yeroo gabaabaa keessatti hiyyummaa injifannee badhaadhina hunda galeessa milkeessuu dandeenya jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis Abdiisaan haasawa eebba pirojektii misooma jallisii Qeexoo irratti taasisaniin, mootummaan jijjiiramaa waggoottan darban cabiinsa biyyattii suphuuf hojjechaa akka ture yaadachiisaniiru.

Bishaan gahaan osoo jiruu bishaan hogganuu dhabuun hiyyummaaf nu saaxilee jira kan jedhan obbo Shimallis, kana akka hoggannuufi kunuunsinu akkasumas jallisiifi paampiin namni qe’ee isaatti qusachuun akka hojiitti galuuf jalqabbiin eegalamuu ibsan.

Biyyee gabbataa albuuda of keessaa qabu qabna kan jedhan obbo Shimmallis, kana hogganuu dhabuu keenyarraan kan ka’e rakkoo uumamaa ture fayyisuuf hojiin misooma sululaa hojjechuunii fi ashaaraa magariisaan uwwisuun inisheetiiviiwwan qonnaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin bocaman hojiitti hiikuun biyyee keenya akka itti gargaaramnuuf hojjetamaa jira jechuun ibsan obbo Shimallis Abdiisaan.

Godina Qeellam Wallaggaattis kallattii Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kennaniin Pirojektiin Qeexoo hojiitti galamee guyyaa har’aa eebbaaf gahuu kaasaniiru.

Yaadama ida’amuutiin hogganamuun inisheetiivota jiran qixaan hojiitti hiikuun yoo itti gargaaramne yeroo gabaabaa keessatti hiyyummaa injifannee badhaadhina hunda galeessa milkeessuu dandeenyas jedhaniiru.

Uummanni naannichaa inisheetiivota hojiitti hiikuuf tattaaffii jalqabe caalmaatti cimsee akka itti fufu dhaamaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment