Finfinnee, Onkololeessa 15, 2019 (FMC) –Yaadamni karoora of danda’uu birmadummaa biyyaa gama hundaan milkeessuun badhaadhina waloo dhugoomsuuf hojjechuudha jedhan Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Bulchaan Godina Kibba Baha Oromiyaa Obbo Ahimad Idriis.
Waggoota jijjiiramaa keessatti inisheetiivota fayyadamummaa uummataa mirkaneessan hedduu hojiitti hiikuun oomishaafi oomishtummaan biyyaa dabalaa dhufuu ibsuun, Mootummaan Naannoo Oromiyaa injifannoo karoora xiiqii keessatti argame bu’uura godhachuun milkaa’ina caalu galmeessuuf, yaadama karoora of- danda’uun ijaarsa biyyaa toora hundaan dhugoomsuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjechaa jiraachuu dubbatan.
Kanaanis, diinagdee biyyaa ijaaruu, hariiroo hawaasummaa cimsuufi nagaafi tasgabbii biyyaa mirkaneessuuf miira xiiqiin hojjetamaa jiraachuu kaasaan.
Karoora kana keessatti oomishaafi oomishtummaa guddisuun ce’umsa galmoota misooma baadiyyaafi magaalaa galmaan ga’uun fayyadamummaa waloo kan itti dhugoomu ta’uus ibsan.
Imala jijjiiramaa yeroo ammaa taasifamaa jiruun itti fayyadama teeknooloojiifi makaanayizeeshinii babal’isuu, akkasumas walitti hidhamiinsa gabaa cimsuun xiyyeeffannoo argatee jiraachuu himuun, tarsiimoo haaraa hojirra oolaa jiruun, diinagdee biyyaa humneessuun carraa hojii bal’aa uumuufi qaala’iinsa jireenyaa fooyyessuuf kan hojjetamu ta’uufi kenna tajaajilaa fooyyessuun rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuun mul’ata Mootummaan qabatee hojjechaa jiru milkeessuuf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Gurmaa’insi yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru, karoora of-danda’uu milkeessuuf meeshaa jabaafi yaadamichi akka milkaa’u kan utubu ta’uu eeruun, walumaagalatti, karoorri of danda’uu fedhii uummataa dabalaa dhufeef deebii kennuuf kaayyeffatee hojjetamaa jiraachuusaa hooggansi sadarkaan jiruufi uummanni waliin ta’uun jijjiirama eegalame galmaan gahuun ijaarsa egeree biyyaafi dhaloota dhufuuf murteessaa ta’uu yaadachiisuu ragaan TKO irraa argame ni mul’isa.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa