Finfinnee, Qaammee 2, 2017 (FMC) –Yaa’iin 2ffaa Jijjiirama Qabeenya Qillensaa Afrikaa ajandaalee jijjiirama qabeenya qilleensaaf furmaata ta’anirratti xiyyeefataa jedhan Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan.
Dooktar Fitsuum Asaffaan Yaa’ii Jijjiirama qabeenya qilleensaa boru irraa eegale Finfinneetti gaggeeffamu ilaalchise ibsa kennaniiru.
Yaa’ichi ajandaalee lama bu’uura godhachuun kan gaggeeffamu ta’uu ibsuun, jalqabarratti miidhaa bu’uuraa jijjirama qabeenya qilleensaaf furmaata ardiichaaf beekamtii kan kennu ta’uu kaasaniiru.
Faayinaasiin Idil Addunyaa qabeenya qilleensaa ajandaa lamaffaa akka ta’uu ibsa isaaniin eeraniiru.
Kanaafis galtee walitti qabuuf yaa’iin Hagayya 28 ,2017 irraa eegalee gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.
Yaa’ii Hoggantootaan kan eegamu Labsiin Finfinnee ajandaalee ijoo qindeessuun ‘COP 30 Biraaziiliif’ hojiin qopheessuu kan hojjetamu ta’uu himaniiru.
Kunis sagalee Afrikaa tokko gochuuf kan kayyeeffate ta’uu ibsuun, kanaafis kan ta’anii fi Afrikaa ni fayyadu jechuun Inisheetiivonni 130 ol biyyoota adda addaarraa walitti qabamaniiru jedhan.
Yaa’icharratti hirmaattonni kumni 25 kan hirmaatanii fi mariin gamlamee 199 ni gaggeeffamuun eegama jedhan.
Oomishtonni damicharratti hirmaatan 43 ol Egzibishiniin hojiilee isaanii kan dhiyeessan ta’uu himaniiru.
Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.