Finfinnee, Fulbaana 9, 2018(FMC)- Finfinneetti gaggeeffamee kan ture Yaa’ii 2ffaan Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Afrikaa sagantaan Ashaaraa Magariisaa hoggantoota biratti beekamtii akka argatu taasiseera jedhan Ministirri Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan.
Dooktar Fitsum Asaffaan yaa’icha ilaalchisuun ibsa kennaniin, Yaa’ichi sagalee waloo Afrikaa kan qabate Dikilaareeshinii Finfinnee raggaasisuun xumuramuu yaadachiisaniiru.
Dikilaareeshiniin kun Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Afrikaaf akka fakkeenyaatti akka ka’u taasisuun beekamtiin kennamuufiis ibsaniiru.
Haaluma Kanaan jijjiirama qabeenya qilleensaaf furmaata Afrikaa kennuun karaa ittiin danda’amuufi Hidhi Guddichi Haaromsaa jijjiirama qabeenya qilleensaaf furmaata akka ta’e hubachiisuun danda’ameera jedhan.
Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaarratti muuxannoo qabdu imaammataafi gochaan mirkaneessuus eeraniiru.
Kana malees Itiyoophiyaan yaa’iiwwan gurguddoo keessummeessuu akka dandeessu fi Finfinneen magaalaa guddoo dippiloomaasiifi jijjiirama qabeenya qilleensaa Afrikaa ta’uu ishee beeksifamuu dubbatan.
Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Addunyaa( COP32) bara faranjootaa 2027 gaggeeffamu qopheessuuf qophii ta’uu ishee beeksifteettis jedhaniiru.
Gahee Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad yaa’ichi milkaa’inaan akka gaggeeffamuufi sagantaa Ashaaraa Magariisaan bahataniif yaa’ichi beekamtii kennuus ibsaniiru.
Andu’aalam Tasfaayeetu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.