Yaa’ichi waadaa irraa gara gochaatti daandii ittiin jijjiiramne kan ittiin mul’isnuu dha- Dooktar Maqidas Dhaabaa

Finfinnee, Adoolessa 19, 2017(FMC) – Ministirri Fayyaa Dooktar Maqidas Dhaabaan yaa’iin sirna nyaataa daandii ittiin waadaa irraa gara gochaatti ittiin ceene warreen birootti kan ittiin mul’isnuu faayidaa guddaa kan qabuu dha jedhan.

Dooktar Maqidas Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti akka himanitti, yaa’iin Itiyoophiyaan keessummeessitu kun dhimmoota nyaataa fi sirna nyaataa bal’inaan kan itti ilaalamuu dha.

Itiyoophiyaan akka biyyaatti yaa’ii bara Faranjootaa 2021 tti yeroo jalqabaaf hirmaachuu kaasanii, dhimma sirna nyaataa kana karoora keessa galchuun dhimmoota raawwachuuf waadaa seente kessaa tokko ta’uu ibsan.

Kanaafis hojiiwwan hedduun walitti fufiinsaan hojjetamuu eeruun, murteewwan yaa’ichaan murteeffaman lafa qabsiisuuf tarkaanfii fi kutannoo guddaa akka gaafatu dubbataniiru.

Dhaloonni sirna nyaataa keessa darbe fayya qabeessaa fi oomishtummaa guddaa kan qabu bu’aa guddaas fiduu kan danda’u ta’uu hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaatti waggoottan darban keessa “ Qonnaa irraa gara gurshaatti” jechuun manneen hojii ministeerotaa fi qoodafudhattoota hirmaachisuun hojiiwwan hojjetaman sirna nyaataa keessa galuun hawaasicha fayyaduuf hojjetamuus eeran.

Yaa’iin sirna nyaataa kun biyyoota irraa kan itti barannu, nutis daandii ittiin waadaa irraa gara gochaatti ittiin jijjiiramne warreen kaanitti kan ittiin mul’isnu bu’aa guddaa kan qabuu dha jedhan.

Itiyoophiyaan yaa’ii 2ffaa sirna nyaataa addunyaa boru irraa eegaluun guyyoota lamaaf ni keessummeessiti.

Yonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment