Yaa’ii 2ffaan waggaa Madaallii barnootaa taa’amuu eegale

Finfinnee, Amajjii 30, 2017 (FMC) – Yaa’ii 2ffaan waggaa Madaallii Barnootaa Biyyaalessaa Hoteela Iskaay Laayitiitti taa’amuu eegaleera.

Yaa’ichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, dhimmoota qulqullina barnootaa irratti xiyyeeffannoon kan mar’atamu ta’a jedhame.

Qulqullina barnootaarratti tumsaan hojjechuuf Ministeerri barnootaa Yuunivarsiitii Jimmaa, Maqalee, Kotabeefi Bahirdaar waliin waliigaltee mallatteessaniiru.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment