Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaaf qophii gahaan taasifame – MDhA

Finfinnee, Amajjii 28, 2018 (FMC) – Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaaf qophii gahaan taasifame jedha Ministeerri Dhimma Alaa.

Yaa’icha keessummeessuuf qophiin qabiyyee fi Loojistiksii gahaan taasifamuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Getaachoon ibsaniiru.

Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa Guraandhala 7- 8, 2018tti kan gaggeeffamu yoo ta’u, Walga’iin hojii raawwachiiftootaa ammoo Guraandhala 4 – 5, 2018tti taa’ama jedhan.

Yaa’ichi dhimmoota siyaasaa fi diinagdee Itiyoophiyaa akkaan beeksisuuf gumaacha olaanaa qabaachuu kaasuun, milkaa’inni Itiyoophiyaan galmeessite akka muuxannootti kan dhiyaatu ta’uu dubbatan.

Dabalataan walga’iin hoggantootaa Xaaliyaanii – Afrikaa Guraandhala 6, 2018 Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu eeran.

Alamewarqi Mokaaniintiitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment