Yaa’ii Idileen 10ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaan oolmaa isaa guyyaa 2ffaan itti fufe

Finfinnee, Guraandhala 8, 2018 (FMC) –Yaa’ii Idilee 10ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaan Adaamaa Galma Caffeetti oolmaa isaa guyyaa 2ffaa itti fufeera.

Oolmaa guyyaa 1ffaa kaleessan gabaasni raawwiin qaama raawwachiiftuu dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Miseesonni Caffee yaadaa fi gaaffii gabaasicharratti qaban bal’inaan dhiyeessaniiru.

Hoggantoonni dhimma isaan ilaallaturratti gaaffii dhiyaataniif yaadaa fi ibsa dabalataa kennaniiru.

Pireezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa dhiyaate ilaalchisee ibsa waliigalaa kennuun kallattii hojii gara fuulduraa kaa’aniiru.

Gabaasni raawwii qaama raawwachiiftuus sagalee guutuun ragga’eera.

Yaa’ichi oolmaa isaa har’an muudama abbootii seeraa fi wixinee labsii sirna tajaajila deeggarsa bilisaa naannichaa dhiyaatu qorachuun ni raggaasisaan eegaama.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment