Finfinnee, Guraandhala 26, 2018 (FMC) – Yaa’iin Dargaggoota Oromiyaa 5ffaan Magaalaa Asallaatti gaggeeffamaa jira.
Yaa’icha mata duree ‘Dhaloota dubbisuutu waan dubbatuufi waan hojjetu beeka ‘jedhu Inistiitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo, Biiroo dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa, bulchiinsa Godina Arsiifi bulchiinsa magaalaa Asallaatu waloon qopheesse.
Hoggantuu Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa aadde Roozaa Biyyaa, Hoggantuu Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbirruu,Itti aanaa daayrektara Inistiityuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo obbo Zinaabuu Asraat dabalatee hoggantoonni olaanoon Godina Arsiifi bulchiinsa magaalaa Asallaa yaa’icharratti argamaniiru.
Yaa’ichi dargaggoota biratti aadaa dubbisaa gabbisuufi dhimmoota dargaggootaa irratti hayyoota waliin bal’inaan mari’achuurratti kan xiyyeeffateedha.
Pireezidaantiin Yuunivarsitii Arsii Dooktar Fiqaaduu Mitikkuu haasawa yaa’icharratti taasisaniin, aadaa guddisa daa’immaniifi aadaa dubbisaa gabbisuu irratti hojjechuun murteessaa ta’uu ibsan.
Itti Aanaan Daayrektera Inistiityuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo obbo Zinaabuu Asraat Inistiityuutiitichi Aadaa, Seenaa, Aartiifi Afaan Oromoo qorannoon utubee guddisuun dhaabbilee barnoota olaanoo waliin qorannoowwan 40, qorattoota Inistiityuutichaan ammoo qorannoowwan 32 hojjechuu ifoomsan.
Inistiityuutichi hundeeffama waggaa 4 hin guunne keessatti kitaabilee qorannoon deeggaraman 32 maxxansuun fayyadamummaa ummata Oromoo biraan gahuu eeran.
Qorannoo jireenya dargaggootaa jijjiiruu danda’u gaggeeffamaa jiruun bu’aa guddaan argame jedhan Hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa saganticha irratti argamuun haasawa taasisaniin.
Dargaggeessa aadaa, duudhaafi safuu beekee hawaasa keessatti fakkeenya gaarii ta’e horachuun dirqama seenaati ta’uu himan.
Dargaggoonni safuufi safeeffannaa, aadaa hojii jijjiiruufi sammuun akka gahoomaniif hojii bal’aan hojjetamaa turuu fi hojjetamaa jiraachuu himan Hooggantuun Biiroo Aadaafii Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruun.
Dargaggoonni kuma 2 ol ta’an kutaalee Oromiyaa garaa garaa irra walitti dhufan yaa’icharratti hirmaachaa jiru.
Olyaad Ahmadiin