Yaa’iin fayyaa 27ffaa magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) –Yaa’iin Fayyaa 27ffaan mata duree “Invastimatii itti fufiinsa qabuufi kalaqa, sirna fayyaa cimaaf” jedhuun magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi raawwii hojiilee fayyaa irratti mari’achuun yaadootni immaammata fayyaaf galtee ta’an kan itti maddisiifan ta’uun himame.

Ekisteenshiinii fayyaan haadholiifi daa’imman tajaaiila si’ataa fi ga’umsa qabu akka argatan hojjetamaa jira jedhan Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeessar Natsaannat Warqinah yaa’icharratti ergaa dabarsaniin.

Tajaajila fayyaa babal’isuuf hirmaannaa abbootii qabeenyaa murteessaa ta’uu kaasan.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan gama isaaniin, bara 2017 keessa damee fayyaan raawwii olaanaan galmaa’uu eeruun,bara yeroo jalqabaaf talaalliin dhibee busaa itti eegalame ta’uu himan.

Daa’imman waggaa 1 gadiii miiliyoona 3.8 ol ta’aniif talaalliin kennamuu eeran.

Lammileen miiliyoonni 63 ta’an fayyadamtoota inshuraansii fayyaa ta’uus dubbataniiru.

Riifoormiin seektara fayyaa irratti eegalames cimee kan itti fufu ta’uu himan.

Hanqinaalee dhiyeessii qorichaan wal qabatu furuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Yaa’icha irratti barreeffamootni qorannoo dhiyaachuun irratti mari’atamaa jira.

Abdurrahimaan Mahaammaditu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment