Finfinnee, Amajjii 2, 2018 (FMC) _ Yaa’iin Gadaa Arsii Sikkoo Mandoo dhaddacha Heeroo deebisanii dhaabuu Godina Baalee Bahaa Aanaa Laga Hidhaa Dhaddacha Heerootti geggeeffamaa jira.
Oromoon Arsii Sikkoo Mandoo yaa’a dhaddacha guutaa irratti gaggeeffateen dhaddachoonni Gadaa Sikkoo Mandoo 20’n akka deebi’aniif murtee dabarsee ture.
Qaama murtee kanaa kan ta’e dhaddacha hangafa dhaddacha Heerootti deebisuuf guyyaa har’aa fi boruu yaa’a Gadaa geggeessaa jira.
Yaa’a Gadaa kanaanis abbootiin Gadaafi hayyonni qoraa murtiin luba Gadaa shanan dhaddacha Heerootti deebisuun heerri uumee ganamaa kan caqafamu tahuun ibsamuu ragaan BKO ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.