Yaa’iin Hoggantoota Garee Ittisa yakkaa qabeenya seeraan ala argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessuurratti xiyyeeffate gagggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 21, 2017 (FMC)- Yaa’iin Hoggantoota Garee Ittisa yakkaa Bahaa fi Kibba Afrikaa qabeenya yookan maallaqa seeraan ala argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessuurratti xiyyeeffate Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Dhimmoota Kaabinee Alamtsahaay Phaawuloos, Daayrektarri Tajaajila Nageenya Faayinaansii Itiyoophiyaa Muluqan Amaaraa fi Dura Taa’aan Garichaa Fireezar Ayyaalewu argamaniiru.

Garichi Yaa’ii isaa Hagayya 14- 24, 2017 Magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira.

Yaa’iin waggaa hoggantoota olaanoo Bahaa fi Kibba Afrikaa Garee Ittisa Yakkaa maallaqa ykn qabeenya seeraan ala argame seera qabeessa fakkeessuun fayyadamu ittisuurratti kan xiyyeeffatedha.

Yaa’icharratti biyyootaa fi dhaabbilee garaagaraarra kan walitti babba’an namoonni kuma 1 fi 500 ol hirmaachaa jiru.

Itiyoophiyaan qabeenya gocha yakkaan argame seera qabeessa taasisuun dhiyeessuu ittisuurratti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuun ishee yaa’icharratti ka’eera.

Itiyoophiyaan damichaan Fooyyeessii seeraa gochuurraa eegale biyyoota adda addaa waliin tumsaa fi qindoominaan hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment