Finfinnee, Guraandhala 8, 2018 (FMC)- Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan Magaalaa Finfinneetti guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumurameera.
Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii bishaanii itti fufiinsa qabuu fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyumaan isaa eegame mirkaneessuu, Milkaa’ina galmoota Ajandaa 2063’’f jedhuun gaggeeffamaa ture xumurameera.
Hoggantoonni kunneen walga’ii idilee Mana Maree hojii raawwachiiftonni Gamtaa Afrikaa mari’atan irratti ajandaa godhachuun irratti mari’ataniiru.
Nageenya bishaaniifi eegumsa qulqullinaa, hojiirra oolmaa Ajandaa 2063 fi walitti hidhamiinsaa ardilee ,hawaasummaa fi misooma diinagdee, misooma humna namaa, riifoormiiwwan dhaabbilee fi faayinaansii, michummaa naannawichaa fi waltajji idil addunyaatti gahee Arikaan qabdu ajandaalee filataman keessaa isaan ijoodha.
Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa kun murtoowwan garaagaraa dabarsuun xumurameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.