Finfinnee, Caamsaa 15, 2017(FMC) – Yaa’iin “ID4 Africa 2025” guyyoota afuriif Finfinneetti gaggeeffamaa ture guyyaa har’aa xumurame.
Yaa’ichaan ijaarsa eenyummaa diijitaalaa irraatti muuxannon biyyoota garaagaraa qooddatamuu eerameera.
Eenyummaan diijitaalaa hojii fayyadamummaa hundagaleessa lammiilee mirkaneessuu kan saffisiisu ta’uun mariiwwan gaggeeffamaa turaniin ka’eera.
Itiyoophiyaan yaa’icha milkaa’inaan keessummeessuu hundeessaan “ID4 Africa” Dooktar Jooseef Atiik himaniiru.
Yaa’ii “ID4 Africa” itti aanu Kootdiivaar magaalaa Abiijaanitti akka gaggeeffamus ifoomeera.
Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.