Yaa’iin Ministiroota Fayyaa Afrikaa- Kaariibiyaan gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Qaammee 1, 2017(FMC) – Yaa’iin Ministiroota Fayyaa Afrikaa- Kaariibiyaan Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Waltajjicharratti Sadarkaa Ministira Muummeetti Hogganaa Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pireezidaantii Itti aanaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah akka jedhanitti, uummanni biyyoota Kaariibiyaaniifi Afrikaa obboleewwani.

Itiyoophiyaan mana Afrikaanotaa qofa osoo hin taane kan hidda dhaloota Afrikaa ta’aniis ta’uu kaasaniiru.

Waltajjichi kan dippiloomaasii qofa osoo hin taane waltajjii uummattoonni aadaafi gahumsa waloo qaban itti walgahan ta’uu dubbataniiru.

Biyyoonni Afrikaafi Kaariibiyaanii damee fayyaan tumsaan hojjechuu akka qaban kaasanii, yeroon irratti argamnu galteewwan fayyaa dandeettii ofiin oomishuun gara of danda’uutti imaluun dirqamadha jedhan.

Wal’iingahiinsa tajaajila fayyaa uummata hunda biraan gahuun haasaarra darbee gocha qabatamaatti jijjiiramuu akka qabus hubachiisaniiru.

Dandeettii ogeeyyii fayyaa ijaaruun fi damicha dijiitaalessuun bara waliin ammayyaa’uun akka barbaachisus kaasaniiru.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa gamasaaniin, sagaleen waloo Afrikaafi Kaariibiyaanii bulchiinsa fayyaa addunyaarratti dhiibbaa uumuu akka danda’u ibsaniiru.

Kunis qopha’uummaa weeraraa, jijjiirama sirna faayinaansiifi waliingahiinsa teeknooloojii fayyaa haqa qabeessi akka jiraatu taasisa jedhan.

Biyyoonni Afrikaafi Kaariibiyaanii tajaajila fayyaa kabaja isaanii madaaluufi qulqullina qabu akka argataniif hojjechuu akka qabanis eeraniiru.

Andu’aalam Tasfaayeetu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment