Yaa’iin Misooma Jallisii Idil Addunyaa jijiiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu Finfinneetti taa’amuufi

Finfinnee, Guraandhala 3, 2017 (FMC) – Yaa’iin Misooma Jallisii Idil Addunyaa jijjiirama qabeenya Qilleensaa dandamachuu Guraandhala 5 – 7, 2017 Finfinneetti taa’ama.

Yaa’iin kun Yaadannoo Injifannoo Adwaatti taa’ama jedhameera.

Namoonni biyyootaa fi dhaabbilee idil addunyaa garaagaraarraa walitti babba’an kumni 1 ol yaa’icharratti kan hirmaatan ta’uu Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii himeera.

Qorannoowwan Milkaa’inootaa fi hanqinaalee damichaan jiranirratti gaggeeffamaan yaa’icharratti ni dhiyaatu jedhameera.

Bu’aaleen Itiyoophiyaan nyaatan of danda’uu, jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuu fi oomishaa fi Oomishtummaa guddisuuf galmeessite akka muuxannootti kan dhiyaatu ta’uus eerameera.

Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment