Yaa’iin Naannawaa 2ffaan Eegumsa Fayyaa Biqiltootaa fi Beelladootaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2018 (FMC) – Yaa’iin Naannawaa 2ffaan Eegumsa Fayyaa Biqiltootaa fi Beelladootaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icha Abbaa Taayitaa Qonna Itiyoophiyaa fi Waldaa Ergitoota oomishaalee Abaaboo Itiyoophiyaatu waloon qopheesse.

Yaa’ichi qormaatilee Eegumsa qulqullinaa fi Fayyaa biqiltootaa fi Beelladootaa muudatan akkasumas carraalee jirurratti mari’ata jedhame.

Yaa’ichi ragaa oomishaalee beelladootaa fi Biqiltoota Itiyoophiya haala gurmaa’een qabuuf kan dandeessisu tajaajila ‘Ifaayitoo’ eegalchiiseera.

Eegalamuun tajaajilichaa oomishaalee biqiltootaa fi beelladootaa akkaataa qulqullinaa fi nageenya isaa eegeen gabaa addunyaaf akka dhiyeetu kan dandeessisu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Mallas Makonniin ibsaniiru.

Oomishaaleen kunneen Ulaagaalee Dhaabbanni Fayyaa fi Daldalaa Addunyaa barbaadan guutuuf shoora olaanaa qabaachuu kaasan.

Tajaajilli diijitaalaa odeeffannoowwan kuma 4 ol qindeessuun tajaajiloota 66 ol onlaayiniin kennuuf dandeessisu eegalamuu Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayinaa Qonna Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Dirribaa Kumaan eeraniiru.

Tajaajiloota 66 keessaa 29 Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoobiin kennamaa jiraachuu ibsan.

Iyyoonaadab Andu’aalemtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment