Finfinnee, Ebla 30, 2017 (FMC) – Yaa’iin nagaa, waloomaa fi misoomaa Idil-addunyaa 3ffaan Caamsaa 5fi 6, 2017 magaalaa Finfinneetti akka gaggeeffamu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa beeksise.
Yaa’ichi tumsa Fooramii G20 Inter Feezi, Gamtaa Afrikaafi dhaabbilee garaagaraa gamticha jala jiraniin kan qophaa’e ta’uu Barreessaa Olaanaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Lubni Taagaay Taaddalaan ibsaniiru.
Yaa’icharratti hoggantoonni dhaabbilee idil-addunyaa, hayyoonni, hoggantoonni dhaabbilee mootummaafi miti-mootummaa ardiifi idil-addunyaa kan hirmaatan ta’uus eeraniiru.
Yaa’ichi galmoota misoomaa Mootummoota Gamtoomanii, Ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 fi Yaa’ii Hoggantoota biyyoota Garee 20 Fulbaana dhufu Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamu irratti kan xiyyeeffatu ta’uu kaasaniiru.
Yaa’ichi ijaarsa nageenyaa, eegumsa mirga namoomaa, jijjiirama qabeenya qilleensaa, barnootaafi ajandaalee misoomaa biroorratti mari’achuun biyyoota miseensa Garee 20’f yaada furmaataa akka dhiyeessu himaniiru.
Hirmaattonni yaa’ichaa muuxannoo waliin jireenyaa amantaalee Itiyoophiyaa ni qooddatuun akka eegamu eeranii, hojiilee misoomaafi bakkeewwan seena qabeessa magaalaa Finfinnee akka daawwatan ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia