Finfinnee, Adoolessa 28, 2017 (FMC) –Qopheessummaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaan Yaa’ii 4ffaan Nageenya Biyyaalessaa Magaalaa Hararitti eegalame.
Yaa’ichi dhimmoota nageenyaa, tokkummaa fi waloomaarratti mari’achaa kan jiru yoo ta’u, hoggantoonni dhaabbilee amantaa, jaarsoliin biyyaa, hoggantoonni mootummaa fi bakka buutoonni kutaalee hawaasaa hirmaachaa jiru.
Yaa’iin guyyoota lamaaf gaggeeffamu kun rakkoolee nageenyaa iddoolee tokko tokkotti mul’atu hiikuuf gumaacha olaanaa qabaata jedhame.
Yaa’ichi kana dura Magaalaa Dirre Dhawaa, Jimmaa fi Bahir Daaritti gaggeeffamuun kan yaadatamuudha.
Getaasaw Yeshiiwaastu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo. www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromo
fanaTiktokhttps://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.