Yaa’iin nageenyaa biyyalessaa 3ffaan magaalaa Baahir Daaritti taa’ame

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2017 (FMC) – Yaa’iin nageenyaa biyyaalessaa 3ffaan mataduree “Amantiiwwan
nageenyaaf, walkabajuu fi waloomaaf” jedhuun magaalaa Baahir Daaritti taa’amuu eegaleera.
Yaa’ii nageenyaa kana Yaa’ii Dhaabbilee Amantii Itiyoophiyaatu Yaa’ii Dhaabbilee Amantii Naannoo Amaaraan walta’ee qopheesse.
Waltajjicha irratti pirezidaantii Nannoo Amaaraa fi Af-yaa’ii Mana Maree Naannichaa dabalatee hoggantoonni naannichaa biroo fi abbootiin amantii dhaabbilee amantii naannichaa irraa bakka bu’an argamaniiru.
Yaa’ichi guyyoota lamaaf kan ture yoo ta’u, nageenya waaraa mirkaneessuuf ga’ee guddaa qaba jedhameera.
Dassaalenyi Biraarraatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment