Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2019 (FMC) – Yaa’iin Paartilee Siyaasaa Afrikaa marsaa 2ffaan Afrikaa egeree fi carraa ishee waloo humna ofiin murteessuuf kutannoo qabdu kan mirkaneesse ta’uu Daariktarri Olaanaa Dhimmoota Hariiroo Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Nabiyuu Sihuul ibsan.
Gumiin Paartilee Siyaasaa Afrikaa marsaa 2ffaan guyyoota sadiif Finfinnee, Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa ture milkaa’inaan xumurameera.
Obbo Nabiyuu Sihuul, gumicharratti ibsa kennaniin, hoggantoonni paartilee siyaasaa fi bakka bu’oonni garaagaraa ardii Afrikaa irraa walitti babba’an 1,000 ol, Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Pirezidaantiin Komishinii Gamtaa Afrikaa nakka argamanitti yaa’ichi milkaa’inaan xumuramuu ibsaniiru.
Waltajjichi mariin idilee geggeessuu qofaan kan daangeffame osoo hin taane, waltajjii boonsaan Afrikaanonni hojiiwwan misoomaa qabatamaa Itiyoophiyaa qaamaan itti daawwatan ta’uu himaniiru.
Hirmaattonni gumichaa turtii Finfinneetti dabarsaniin hojiiwwan misooma Kooriidarii magaalattii jireenyaaf miijattuu fi bareedduu taasise, pirojektoota qarqara laggeenii akkasumas tajaajiloota Masoob, dandeettii humna namaa, teeknooloojii fi qulqullina yaadaa walitti makuun kennaman daawwachuu ibsaniiru.
Muuxannoowwan misoomaa Itiyoophiyaa kunneen muuxannoo haaraa fi fakkeenya ta’anii fudhatamuun biyyoota Afrikaa birootti akka babal’atan waltajjiin bal’aan uumamuu himaniiru.
Xumura yaa’ichaa irratti murtoowwan dandeettii dhaabbilee cimsan darbuu ibsuun, hoggansi ‘Innisheetiivii Paartilee Siyaasaa Afrikaa’ Paartii Badhaadhinaatiin akka gaggeeffamu murtaa’uu fi Dooktar Biqilaa Huurisaan Barreessaa Olaanaa ta’uun filamuu ibsaniiru.
Kana malees, yaadawwan haaraa ardii Afrikaa ilaalchisee Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kaasan guutummaatti galmaa’uun ‘Waadaan Finfinnee’ ifatti ragga’uu eeraniiru.
Waadaan kun hoggansi siyaasaa sirna hojii aadaa duraan ture keessaa ba’ee kallattii fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee lammiilee mirkaneessuu akka danda’u kallattii kan kaa’u ta’uu Obbo Nabiyuu Sihuul ibsaniiru.
Dhaloonni haaraan Afrikaa gara hoggansaatti akka dhufuuf dhimma ijoo ta’e waadaa waloo keessatti galmeeffamuu eeranii, gumichi Afrikaa egeree fi carraa ishee waloo humna ofiin murteessuuf kutannoo qabdu mirkaneessuun boqonnaa seena-qabeessa ta’ee xumuramuu ibsaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa
Alamsaggad Asaayyeetu gabaase