Yaa’iin15ffaa Waldaa Kominikeeshinii Baha Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 21, 2017 (FMC)- Yaa’iin 15ffaa waggaa Waldaa Kominikeeshinii Baha Afrikaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi mata duree “Miidiyaa fi Kominikeeshinii Walitti Hidhamiinsa Afrikaaf “ jedhuun Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.

Yaa’icharratti Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu, Pireezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Saamu’eel Kiflee, Daayriktera Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Dooktar Saamsoon Mokonniin, Pireezidaantiin Waldaa Kominikeeshinii Baha Afrikaa Pirofeesar Margaareet Juukaa, Hayyoonni biyyoota Miseensa Waldichaa, Gaazexeessitonni, Qorattoonni fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Yaa’icha Yuunivarsiitiin Finfinnee qooda fudhattoota waliin ta’uun kan qopheesse yoo ta’u, guyyoota sadiif gaggeeffama jedhameera.

Mara’ool Kadirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment