Yaa’iwwan Finfinneetti gaggeeffamaniif qophiin barbaachiisu taasifameera- Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Qaammee 2, 2017 (FMC)- Yaa’iwwan Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Afrikaa fi Afrikaa- Kaariibiyaani Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaniif qophiin barbaachiisuu taasifameera jedhe Poolisiin Federaalaa .

Haaluma kanaan Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa qaamoolee nageenyaa biroo waliin qindoomuun yaa’iwwan kunneen karaa nagaan akka gaggeeffamaniif qophii haalduree kaasee hanga xumuraatti bobbiin teeknooloojiin deeggarame taasifamuu himeera.

Dabalataaniis yaa’insa tiraafikaa saffisisuuf poolisiin tiraafikaa heddu bobbii fudhachuun hordoffii fi deeggarsa taasisaa jiraachuu bsuun, karaawwan kan hin dhiphanne hawaasni gahee isaa akka bahatuu gaafateera.

Deeggarsa hawaasni hanga ammaatti taasisaa jiruuf galateeffachuun, sochii waliigalaa nageenyaa fi dambii Tiraafikaa eegsisuuf taasifamuuf tumsa isaa cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeesseera.

Comments (0)
Add Comment