Yaaliin fedhii aangoo humnaan raawwachiifachuuf geggeeffamu gatii hin malle nukffalchiisaa jira – Dooktar Abiy Ahimad 

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2017 (FMC) – Yaaliin fedhii aangoo humnaan raawwachiifachuuf geggeeffamuu biyyattii gtii hin malle kaffalchiisaa jira jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministrichi bakkaa bu’oota paartilee siyaasaa waliin maree geggeessaniin akka ibsanitti maddi rakkoo nageenyaa Itiyoophiyaa yaada booda tti hafaa fedhii ofii humnaan raawwachiifachuuf ti.

Yaada dogoggoraa biyya gatii hintaane kaffalchiisaa jiru kana dhaabuuf waloon hojjechuu akka barbaachisus hubachiisaniiru.

Qaamni yaada addaa qabu waraana seenuu irra karaa nagaan mareedhaan yaada isaa dhiyeeffachuu danda’aas kaasan.

Aadaa Itiyoophiyaa keessatti yaadamoonni lama jiraachuu kan  eeran Dooktar Abiy, humnoota alaaf baandaa ta’uun teessoon isaa utuu hinjabaatin  haa huunu kan jedhu tokko ta’uu dubbatan.

kanaanis fedhii biyyaalessaa fi nageenya Itiyoopjiyaa eegsisuu caalaa  biyya biraaf kan.dhaabatanii fi kan qacaraman akka jiran hubachiisaniiru.

Daldalli siyaasaa mirga  uummtaa da’eeffachuun kilaashiin uummata saamuun ammoo isa kan biraa ta’uu himaniiru.

Ummatummaa fi maqaa uummataan daldaluun yoo walmaku qabewnya mancaasuu fi nama ukkaamsuun, xaa’oon qonnaan bulaa bira akka hingeenye daandii cufuu akka qabsootti fudhachuutu shufas jedhan.

Namoota akkanaa of keessaa sakattaanee karaa nagaa qofa filchuutu nubaasa kan jedhan Ministirri Muummeen paaetileen morkarrootaas qaamolee akkanaa of keessaa  saaxiluu akka qaban hubachiisaniiru.

Nageenyi ittifufiinsaan akka mirkanaa’uuf qaamni hunduu tumsaan hojjechuuf qophaa’uu akka qabus cimsanii dubbataniiru.

Yonaas Geetinnatiin

#Oromia#Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii:
www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara: https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment