Yeroo ammaa Itiyoophiyaatti namni waan yaada isaa ibsateef hidhamu hin jiru- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 30, 2017(FMC) – Yeroo ammaa Itiyoophiyaatti namni aangoo humnaan qabachuuf karoorseefi gurmaa’ee yoo socho’eefi yakkoota biroorratti hirmaate malee yaada isaa waan ibsateef hidhamu hin jiru jedhan  Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi deebii isa xumuraafi kutaa 4ffaan hojiilee mirga namoomaa eegsisuuf hojjetaman irratti ibsa kennaniiru.

Mootummaan yeroo kamiyyuu caalaa mirgi namoomaa lammiilee akka kabajamuuf ejjennoo cimaa qabatee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Haa ta’u malee rakkoo guddaan Itiyoophiyaa keessa jiru dandeettiin bilisummaa hogganuu gadi aanaa ta’uu, bilisummaa haalaan hogganuu dadhabuun qormaata ta’uu kaasaniiru.

Mirgi namoomaa akka kabajamuuf gatiin kaffalamaas ta’u haalli mijachuu ibsaniiru.

Namoonni yakkarratti hirmaatan keessumaa namoota siyaasaafi rogeeyyiidha ofiin jedhan yakkarratti hirmaatanii seeraan wayita gaafataman gaaffii mirga namoomaa kaasu, kun ammoo dogoggora jedhan.

Itiyoophiyaa keessa namni waan yaada isaa ibsateef hidhamu akka hin jirre hubachiisuun, namni kan hidhamu karoorsee, gurmaa’ee faayinaansii barbaadee socho’uun Araat Kiiloon seena wayita jedhudha jedhan.

Aangoofi fedhii humnaan milkeessuuf ogummaa dawoo godhachuun akkasumas qaamni heeraafi seerota biroo kabajuun hin sochoone gaafatamummaa seeraa jalaa akka hin miliqne yaadachiisaniiru.

Kana jechuun adeemsa seera kabachiisuurratti hanqinoonni hin jiru jechuu miti kan jedhan Dooktar Abiy, yeroo itti aanutti rakkoolee mudatan sirreessuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.

Malaakuu Gadifiin.

Comments (0)
Add Comment